1CH intro

☀️

1 Seenaa

Kitaaba

Seenaa

Tokkoffaa

Seensa

Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa shanaffaa keessa, Yihuudoonni baayʼeen boojuu irraa gara kutaa kibbaa biyya Israaʼelitti deebiʼanii galan. Rakkina guddaatu isaan mudate: magaalaan guddittiinii fi manni qulqullummaa isaanii barbadaaʼanii turan; namoonni biyya ormaas biyya isaanii seenaniiru; mootota ofii isaaniitiin geggeeffamuu dhaabaniiru. Garuu Kitaabonni Seenaa, Izraa fi Nahimiyaan sabni Waaqayyoo amma iyyuu kaayyoo isaa galmaan gaʼuu ni dandaʼa jedhanii cimsanii dubbatu. Isaanis hawwaasa addaa kan mana qulqullummaa Yerusaalemitti haaromfame sana keessatti Waaqayyon waaqeffatu uumuu qabu. (Kitaabonni kunneen dhugumaan kitaaba dheeraa tokkicha, kan seenaa walitti fufiinsa qabu himanii dha; fakkeenyaaf, namni tokko, xumurri Kitaabaa Seenaa Lammaffaa jalqaba Kitaaba Izraa wajjin akkamitti akka wal irra buʼu arguun ni dandaʼama.)

Kitaabichi seenaa Israaʼel qorannaa hidda dhaloota nama tokkootiin jalqabee yookaan tarreeffama abaabiliiwwanii, tartiiba yeroo isaa eeggatee galmeeffameetti utuu addaan hin baasin hundumaa akka tuqutti dhiʼeessa. Hamma Addaamitti gara duubaatti deebiʼee adeemuudhaan, saba Israaʼelin saboota warra gara biraa wajjin walitti hidhuudhaan, waamicha isaanii isaan yaadachiisa. Xiyyeeffannoon addaa Yihuudaa, isa sarara maatii mootii abaabilii Daawitii fi Lewwii, abaabilii lubootaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa taʼaniif kenname.

Kutaan inni ijoon lammaffaan mootota warra hamma bara boojuutti Yerusaalem keessa taaʼanii bulchaa turan ibsa. Daawit warra kaan irra xiyyeeffannaa caalaa argate; garuu seenaan jireenya isaa kan iddoo biraatti gad fageenyaan himame baayʼeen hambifameera. Wanni xiyyeeffannaan itti kenname sochii waraanaa fi karoora guddaa inni Yerusaalem keessatti nama qulqullummaa ijaaruuf qopheessee dha. Sababiin Daawit mana qulqullummaa ijaaruuf eeyyama dhabeef ifaa dha; kunis sababii inni nama lolaa taʼeefii dha. Waaqayyo nama nagaa kan iddoo uummanni hundinuu kadhannaadhaaf itti walitti qabamu ijaaru barbaadee ture. Kanaaf ulfinni kun Solomoon ilma Daawit irra buʼe. Daawit cinatti mootii kam iyyuu caalaatti ilaalchi balʼaan isaaf kenname; kunis ijaarsa mana qulqullummaa fi bulchiinsa isaa isa ogummaa guddaadhaan ijaarame ibsuudhaan taʼe.

Kutaan xumura kitaabichaa muuxannoo warra boojuudhaa deebiʼanii galaniittiin wal qabata. Yaadannoowwan Izraa fi Nahimiyaa, geggeessitoota Yihuudoota dhaloota lammaffaa warra deebiʼanii galanii turan sanaa seenicha keessatti hammatamaniiru. Geggeessitoonni kunneen uummattoota naannoo wajjin fuudhaa fi heerumaan, amantii fi kanneen kana fakkaataniin akka walitti hin makne dhowwuudhaan hawwaasa addaa uumuu irratti deeggarsa godhaniiru; akkasumas dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruus geggeessaa turan. Wanni iddoo kanatti itti dabalame ibsa sirna ayyaana kakuu haaromsuu guddicha Izraa fi Nahimiyaadhaan geggeeffamee dha.

Ergaan barbaachisaan guutummaa seenaa kanaa inni sirriidhumatti seenaa mana qulqullummaa jedhamuu dandaʼu waaqeffannaa qulqulluu isa dubbii namaa utuu hin taʼin dubbii Waaqayyootiin dhiʼaatee dha. Inni ol kaʼuu fi gad buʼuu seenaa kana hundumaa keessatti kaayyoo kana galmaan gaʼuuf hojjechaa ture.

Navigate to Verse